FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Yoseph Mulugeta Baba (Ph.D.):- Dhugaa Ganama – Falaasama Oromo (Xinjireenya Oromo – Oromo Ontology or Metaphysics)

Posted: Hagayya/August 28, 2018 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Dhugaa Ganama – Falaasama Oromo

(Xinjireenya Oromo – Oromo Ontology or Metaphysics)

Kutaa 1 ffaa

Dr. Yoseph Mulugeta Baba*

  1. Falaasama fi Afaan (Philosophy and Language)

Afaan battuu aadaati. Afaan daawwitii aadaati. Aadaa (culture), hawaasa (society) fi afaan (culture) gidduu hariiroo cimaatu jira. Aadaa fi seenaan hawaasa tokko jechoota keessatti goolabamani argamu. Afaan mala ykn akkaataa aadaan addunyaa-isa itti ilaalu ibsa—language reveals the way the culture sees its universe. Mala ykn tooftaa aadaan hawaasa tokkoo addunyaa-isa ittiin hubatu fi hiiku kun falaasama jeedhama. Yeroo hundumaa, tokkoon tokkoon falaasama kan murteessuu aadaa dha. Falaasamni kamiyyuu aadaa ykn afaan hawaasa tokko irra fottoqee kophaa jirachuu hin dandaa’u.

“Afuura ajaa’uu fi dubbii fokkisaa abbaan of-irratti hin argu,” akkuma jedhamu, namootiin nyaara haaddatanii falaasama (jireenya, aadaa, afaan fi barnoota) kan warra Dhiha (Western Philosophy) akka waan beekumissa kan dhumaa (Ultimate Truth) ta’e tokkotti barreessanii barsiisan ni jiru. Falaasama jallataa kan warra farangagsoota (chauvinists) akkasii gad fageenyaan sababni qeeqnuuf tokko faxuula guddisuf mini. Abadan! Falaasamni ykn aadaan gama hundumaatiin (universally) akka ULAAGAAtti taa’u qabu qarayyuu addunyaa kana irra akka hin jirre karaa hin shakkisiisnen hubachiisuuf malee—any philosophy cannot pretend to contain all the truth about the world, God and man.

Muuxannoon ogummaa yeroo fi iddoon hin daanga’u. Uumamni loogii hin beeku! Yaadi ykn beekumsi halluus ta’e umurii hin qabu—thought has neither colour nor age. Mammaaksi “mimmixaa kan kootuu guba,” jedhu falaasama keessatti bakka hin qabu. Gubuuf dhiisuu-isa kan murteessu aadaa (culture) fi afaan (culture) hawaasichaa dha. Hiikkaan wanta (thing) ykn yaada (idea) tokkoo haala hawaasni keessa jiruu-irratti hundaa’a. Oromoon “nutu beekaan, beekkumsa hin taatu,” jechuun-isa, beekumsi dhala nama baay’ee bicuu ykn shiikkoo akka ta’e ibsuuf dha. Kana jeechuun garu “dhugaan sadhaatawaa dha” (truth is relative) ykn “dhali nama dhugaa beekuuf dandeettii hin qabu” jechuu mini. DHUGAAN TOKKO DHA; TOKKICHA DHUGAA (Universal Truth) kana karaa itti hubannu (understand) fi hiiknnu (interpret) garu garaagra dha. Maddi garaagarummaa kana aadaa dha. Afaan immoo battuu aadaati. Kanaaf, waanti tokko aadaa adda-adda keessatti hiikkaa adda-adda qaba.

Falaasama natoo (indigenous philosophy) ykn beekumsa naannoof tuffii kan qaban; falaasama kan warra Dhiha (Western Philosophy) garu warri waaqessan, dhugaa lafa jiru kana gara cinaatti dagachuun isximaara malumma (Methodological Imperialism) nutti fidanii jiruu. ‘Hayyuuwaan’ keenya-illee laaphee godhatanii garbummaa kan sammuu (mental slavery) keessaa ba’u hin dandeenyee. “Falaasamni kan warra Dhiha beekumsa naannoo ykn falaasama natoo irra akaakuudhaan (qualitatively) ni caala,” yaadi jeedhu doofummaa guddaa dha. “Kalee Obbo Tuujubaa keessaa baasanii Obbo Furgaasaa-tiif jijjiirun, Obbo Furgaasaan akka Obbo Tuujubaatti akka yaadu tasiisa,” falaasamni jeedhu, raafuu xuwwee irraa hafe dha.

Addageewaan ‘keenya’ falaasama kan warra Dhiha waaqessan kun, qaanii (yeelloo) tokko malee, falaasamanni natoo (bekumsi naannoo) doofaa (primitive), kan hin qaroomne (savage) fi sababa ga’aa kan hin qabne (illogical) ta’u-isa mirkaneessu. “Gowwaanii fi bishaan gara itti jallisanitti geggeffamu,” akka jedhan, Awroopamummaan (Eurocenterism) beekumsa hir’ina hin qabne kan itti fakkaatu addageewaan baayyeen ni jiru.

Haa ta’u malee, hubannoo Awroopmummaa irratti hundaa’aannii eenyummaa (aadaa fi afaan) ofiirrati murtii kennuun jiraatti of-ajjeesuu dha. Keessattuu, hariiroo cimaa falaasama fi afaan giddu jiruu sirriitti hubachuu dhabuun, maalummaa falaasamaf keessummaa ta’u mul’isa. Awroopamummaa fi falaasama gosa tokkicha fakkeessanii dhiheessuun salffachiisaa dha. Awroopamummaan maleenyaawwan falaasama (philosophical approaches) jiran baay’ee keessaa maleenyaa (approach) birkii ykn damee tokko dha. Maleenyaa baaqqee (single approach) kana akka falaasama kan waliigalaatti (universal) fudhaachun garbummaa fi jufunfulummaa gudda dha. Awroopamummaan maal dha?

  1. Awuroopmummaa fi Falaasama Oromo—Eurocentrism and Oromo Philosophy

Awuroopmummaan isximaara kan malumma (Methodological Imperialism) kan warra Dhiha dha. Isximaari kan malumma kun maleenyaawwan falaasama (philosophical approaches) kan hawaasa biraa hin-fudhatu. Maleenyaa, ilaalcha, amantii fi yaada kan warra Dhiha garu, gama hundumaatiin (universally) akka akkayaatti (model) kaa’a. Kana jechuun, Awuroopmummaan isximaara kan aadaa (cultural imperialism) ta’ee; yaada ol’aantummaa falaasamaa kan gartuu warra Dhiha agarsiisa.

Isximaari kan aadaa warra Dhiha kun (1) aadheddumummaa (cultural-pluralism) kan balfu ykn falqu; (2) yaada, amantii, ilaalcha fi aadaa gosa tokkicha kan tamsaasuu; (3) garaagarumma aadaaf fuuleeffannaa kan hinlaanne; (4) anumumaa (individualism) kan waaqessuu; (4) humnasaa malee uumama abboommachuu kan yaaluu; (5) jiruu-fi-jireenya-nama, uumama irra addaan baasee hubachuuf kan caarraaqu; (6) rakko dhala-namaa maraf furmaata ykn falan qaba kan jedhu fi (7) qabata (pretext) “qaroomina” (civilization) ykn “ammayyummaa” (modernity) jedhun falaasama natoo (indigenous knowledge) kan balleessuu fi koloneeffannaa al-kallatti (neo-colonization) kan babal’isuu falaasama balaa’amaa (dangerous philosophy) dha.

Rakkowwaan kan siyaasaa, kan hawaasaa, kan dinagdee, fi kan amantii bara kolonii Afriikaa booddee (post-colonial Africa) uumaman harki caalaan kan maddan ilaalcha Awuroopmummaarrati dha. Awurooppaanotiin qabata “ergama Afriikaanoota qaroomsu” (civilizing mission) jedhuun ardii Afriikaa weeraranii addaan ciccirani. Kaayyoon weerara kana garu qabeenyaa kan uumama Afriikaa saamuuf malee, abadan saba gurraachaaf dhimmanii akka hinturre beekamaa dha. Akeekni weerara kana, industiriiwaan yerro sana Aworooppaa keessa akka malee baba’alachaa turaniif albuuda dheedhii barbaaduf ture.

Gochaan saragee (satanic) kan warra Dhihaa kun, jiruu-fi-jireenya Afriikaanootaa barbadeesse; sona aadaa (cultural value) fi sirna bulchiinsa siyaasaasaanii unkuteesse; jeeqeenyummaa (identity crisis) keessa kan isaan buuse yoo ta’u, dhuma irratti garbummaa kan sammuuf (mental slavery) isaan saaxile jira. Falaasama natoo (indigenous knowledge) ukkaamsaanii; aadaa, jireenya fi barnoota warra Dhihaa waaqesuun bu’aa garbummaa kan sammutidha. Dhukkubnni jabaan bara kolonii Afriikaa booddee dhufe kun, gidiraa sabni Afriikaa amma keessa jiruuf sababa kan jalqabaa dha.

Eenyummaan Afriikaa (African identity) bara kolonii dura (pre-colonial Africa) ture, sababa weerara Awurooppaatiin erga unkuramee booda, haalli Afriikaa kan bara kolonii booda (post-colonial Africa) balaa gudda-irra bu’ee jira. Keessattiyyuu, caasaawaan siyaasaa (political structures) fi sonawwaan aadaa (cultural values) saba Afriikaa kolonii dura turan baa’yeen bakka turanirraa buqqa’uunsaanii, haala kan siyaasaa fi kan hawaasa Afriikaa yerro amma jiruu sirriitti hubachuuf gufuu gudda ta’e jira. Haala wal xaxaa fi burjaajii kan bara kolonii Afriikaa boodaf sababni Awuroopmummaa dha.

Falaasootiin Awurooppaa (Western philosophers) fi Afiirooppooti (Westernized Africans) (a) beekmisa natoo kara doggogora ta’en hubatu ykn dhiheessu; (b) sabni Afriikaa aadaa, Afaan, seenaa fi falaasama kan isaa gara cinaatti akka dagatu daandii agarsiisu; (c) ilaalcha ykn yaada Awuroopmummaa sammuu saba gurraachaatti galchaanii (indoctrinate) jiruu-fi-jireenyasaanii gooluu. Sadootiin (conspirators) Afriikaa kun imaammata kan warra Dhihaa garagalchuun, caasaa siyaasaa fi dinagdee falaasama natoo wajjiin kan hin deemne biyya/umaatairrtti fe’u. Har’a, Afriikaanootiin ofirratti amantii qabaachuu dhabuu haala agarsiisuun, akkessitu kan warra Dhihaa ta’u irra darbanii Awuroopmummaaf sagaduu.

Sababa kanaanis, biyyootiin Afriikaa bilisummaa dinagdeesaanii guutuumaatti argachuu hin dandeenye. Bilisummaa dinagdee malee, bilisummaa siyaasaa dhugoomsuun abadan hin danda’amu. Biyyi bilisummaa dingadee hin qabne, dhimma ofirratti oofiin murteefachuuf aangoo hin qabdu. Biyyi tokko dhugaatti walaba ykn birmaduu dha kan jennu, yoo dinagdee ga’aa qabaatte dwwaa dha. Kaayyoon koloneeffannaa al-kallatti (neo-colonization) babal’isuu inni guddan, biyyoota Afriikaa kara hundaan bilisummaa dinagdee akka hinarganne gochuu dha. Mali ykn karaan koloneeffannaa al-kallatti kun itti milkaa’u immoo, sabni Afriikaa falaasama natoo dhiisee Awuroopmummaa akka fudhatu irra deddeebi’anii isaan ololuuni (brainwash) dha.

“Nama qalbiin ajjeesse, gabaa walakkaatti ajjeessu,” akkuma jedhan, olola farangagsootiin (chauvinists) Awurooppaa fi ashikarootiisaanii Afiirooppooti tamsaasaaniin, qalbiin Afriikaanoota jufunfulaa’ee jira. Har’a saamicha kara koloneeffannaa al-kallattiin uumaata Afriikaa irratii raawaatamaa jiru dhaabuuf, falaasama balaa’amaa fi nama nyaataa kan ta’e Awuroopmummaaratti waraanaa labsuun barbaachisaa dha. Akeeki waraanaa kana uummata Afriikaa garbummaa kan sammuurra walaba ykn bilisa baasuu dha.

Kaayyoon falaasama Afriikaas ta’e ergamni falaasama Oromo kan jalqabaa, sammuu uummata gurraachaa Awuroopmummaan faalame qulqulleessee qoraasuu dha. Falaasama kan warra Dhihaa (Western philosophy) sanyii addaan baasee, eenyummaa Afriikaa ykn Oromummaa hacuucuuf, deebii jabaa kenuun dirqama keenyaa dha. Qabata “falaasama” jedhuun, tuffii fi sanyummaa Awuroopmummaa (Eurocentricism) fi Itoophimummaa (Ethiopianism) keessatti ibsamaan cufa alanffannee gatu qabna. EENYMMAA kabajaa qabu ijaaruuf, “eenyummaa” xuraa’aa fi samaa ormaan nuu kenname barbadeessuun baay’ee barbaachisa dha.

Uummani Oromoo eenymmaa kabajaa qabu ijaaruuf jecha, baroota dheeradhaaf wareegama gudda kaffaleera. Seena, afaan, aadaa fi falaasama saba guddaa kana dacheerra dhabamsiisuuf, biyyootiin Awurooppaa fi mootonni Itoophiyaa sadoo sadaa turaniiru. Kanas ta’e sana garu, waggoota 150f Oromummaa balleessuf yaaliin kara hundaan taasifame, guutuummaatti kan hin milkoofne dwwaa osoo hintaane biyyoo seeneera ykn awwaalameera. Har’a haala qalbii nama harkisuun, Oromummaan badhaadhee jira. Namootiin qabsoo bilisummaa ilmaan Ormotootif ykn uummata Afriikaaf aarsaa ta’an cufti, galata gudda qabu.

Haa ta’u malee, sababa koloneeffannaa al-kallattirran kan ka’e, garbummaan kan sammuu akka malee babal’achaa jira. Dhalootni har’a falaasama natoo fi sona aadaasaa osoo hintaane, jiruu-fi-jireenya kan warra Dhihaa waaqessa. Afrooppooti (Westernized Africans) falaasama kan warra Dhihaa nutti xibaarun, dargaggoota Afriikaa baay’ee huddu murani jiruu. Qbata “falaasama” jedhun, barreeffamoota dhugaa fakaatan, garuu kan hin taane, akka malee babal’isuun Afriikaanoota jeeqeenyummaa (identity crisis) keessa galchaniru.

Falaasamnni sirriin oduu dheesa malee, oddu hin facaasu. Falaasamnni Oromos Awurooppmummaa kan xireeffatuf, Dhugaa Ganama (Primordial Truth) irraa waan maqeef malee, warra Dhihaa wajjin ijaaf adaamii waan taaneef mini. Falaasama kamiyyuu kijibaa wajjin waliin makuun saalfaachiisaa waan ta’eef, waa’ee maalummaa Dhugaa Ganama kana irra deedeebi’anii qorachuun fi xiyeefannaa gudda itti keennun baay’ee barbaachisaa dha. Bu’uuri Falaasama Oromoo Dhugaa Ganama dha. Falaasama kan warra Dhihaa qullaa dhaabnne buxunxuleesassa baasuuf, toggoowwaan (pillars) falaasama Oromoo akka armaan gadditti tartiiban dhiheessa.

Kutaa, 2ffaan itti fufa

————-

* Yoseph Mulugeta Baba is a qubee generation born in Konchi/Nekemte, Ethiopia. He holds a B.A, M.A, and Ph.D. degrees in Philosophy from The Catholic University of Eastern Africa (CUEA), Nairobi-Kenya. He also holds a B.D, in Sacred Theology (Magna Cum Laude Probatus) from Pontifical Urbaniana University, Rome. His research interests involve: Metaphilosophy, Oromo Philosophy, Continental Philosophy, Post-colonial African Philosophy, Sage Philosophy, and Post-modernism. His publications include, Metaphilosophy or Methodological Imperialism? (2015); Philosophical Essays (2016); The Oromo Concept of reality: Epistemological Approach (2016); የኢትዮሮፒያንስ የአስተሳሰብ ቅሬ፤ ‹አበበ በሶ በላ› vs ‹ጫላ ጩቤ ጨበጠ› (2017); KANA DUBBIIN (2017); Negritude As The Recovery of Indigenous African Political Leadership፡ The Case of Gadaa Oromo Political Philosophy (2017); Remembering Great African Thinkers (2018). His book titled, African Philosophical Hermeneutics, is forthcoming. Currently, he teaches African philosophy at CFIPT. He can be reached at: kankokunmalimaali@gmail.com

Gadaa.com

FB Posts (Some are not cross-posted on Gadaa.com, the website)

Load more

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.