FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Berhanu Hundee:- Xalayaa #1: Dhaamsa Oromummaa

Posted: Hagayya/August 15, 2018 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Berhanu Hundee:- Xalayaa #1: Dhaamsa Oromummaa

[

#Xalayaa: Dhaamsa Oromummaa

Berhanu Hundee

Kutaa tokkoffaa

Uummata Oromoo fi Qeerroo Oromootiif

]

Duradubbii

Uummatni Oromoo humnaan weeraramee erga bilisummaa fi abbaabiyyummaa isaa dhabee kaasee hanga har’atti waan dhabe sana deebifachuuf yeroo inni fincila diddaa gabrummaa fi qabsoo bilisummaa dhaabe hin jiru. Qabsoo kana keessati immoo bu’aa ba’ii meeqa keessa dabree har’a gahee jira. Yeroo adda addaatti carraa gurguddoonis nu dabranillee, uummatni Oromoo amma sadarkaa xumura gabrummaarra waan gahe fakkaata. Kana jechuun garuu karaan bilisummaatti nu geessu gabaabbate jechuuf malee, xumurri qabsoo kanaa maal ta’uuf akka deemu beekuun rakkisaa dha. Yoo tokkummaan ilmaan Oromoo jabaatee, humni Oromoo abdachiisaan hin uumamne, bilisummaa argachuun hafee, injifannooleen hanga har’aatti galmeeffamanuu gaaga’ama keessa galuu akka danda’an hubachuun barbaachisaa dha.

Carraalee gurguddootu nu dabran yoon jedhu, mee waan tokko tokko kaasuun barbaada. Yoon dhimma kana kaasu garuu seenaa barreessuuf osoo hin taane, kan dabrerraa baratamee, gara fuulduraatti dogongorri walfakkaataan akka hin hojjetamne hubachiisuufi. Carraa guddaan inni duraa bara 1974, bara warraaqsa Itoophiyaa sana yoo ta’u, Sabboontotni Oromoo warraaqasa sana keesatti gahee olaanaa qabaatanillee, bifa qindaa’een akka jaarmayaatti ijaaramanii humna cimaa wan hin uuminiif, jijjiiramni gaafii Oromoo deebisiisuuu danda’u hin mul’anne. Dammaqinsi uummata Oromoos yero sana akka har’aa waan hin turiniif, jijjiiramni sun humnoota biroo harka seenee carraan Oromoos ukkaamamee hafe.

Carraan biraa bara 1991 yoo ta’u, jijjiiramni bara sana argame sun kan bara 1974 caalaa bu’aalee gurguddoo argamsiise; injifannoolee gurguddoos galmeesse. Isaan kana keessaa kan ijoo ta’an kaasuuf Oromiyaan kaartaarratti mul’achuu; Qubeen Afaan Oromoo hojiirra ooltee Afaan kunis Afaan hojii Oromiyaa ta’uu fi Sabboonummaan Oromoo guddachuu dha. Kuni hunduu kadhaadhaan kan argaman osoo hin taane, waregama ilmaan Oromoo kumaatamaan kafalaniin dhufan. Haa ta’u malee, bu’aaleen argaman akuma jiranitti ta’anii; Mootummaa Wayyaanee jalati waggoota 27 dabran keessatti yeroo kamiiyyuu caalaa kan hidhaan, reebichi, ajjaachaa fi biyyaarraa baqachuun keessatti ciman akka ta’an kun waan seenaaf taa’uu dha.

Uummata bal’aa Oromoo fi Qeerroo

Hammenyi fi roorroon kun daangaa dabarraan, tokkummaa fi gamtaadhaan kaatanii, waggoota sadii ol (2014-2017) hogganummaa Qeerrootiin sochii walirraa hin citin godhuudhaan, Wayyaanee jilbiiffachiistanii, kunoo qilleensi jijjiiramaa akka mul’atu taasistan. Injifannoon har’a warri biraa ittiin dhaadatu fi ittigammadaa jiru kan lafee fi dhiiga ilmaan Oromootiin argamee dha. Gabaabumatti abbaan jijjiirama kanaa silaa uummata Oromoo fi Qeerroo Oromoo turan. Kan nama gaddissiu garuu, ati uummatni bal’aan Oromoo osoo bu’aa irraa hin argatin, humni biraa jijjiirama kana harkatti galfatee yeroo ittiin dhaadatu fi bookkisu, ati har’alle du’uurraa hin oolle. Qayee fi qabeenya keetirraa buqqifamuurraa hin hafne. Ammallee kunoo karaalee adda addaatiin waraanni sirratti banamee, akka baala mukaa harca’aa jirtu. Kuni maaliif ta’e? jedhaatii of gaafadhaa.

Abbolii fi haadholii Oromoo, kan ijoolle keessan ittidhabdan, kan haati reeffa ilma ishiirra teessee osoo boochuu dararamni irragahe; kan maatii tokko keessaa nama meeqa awwaaltan, kan ijoollee sabiyyiin teessan rasaasaan ittiwaaddaman; kan uummatni nagaa ittisa tokko hin qabne rasaasaan dhuman; kan haati ulfi mararfannoo tokko malee gara-jabeenyaan ajjeefamtu; osoo ati beela fi gadadoo keesa jirtuu alagaan Miliyeenara fi Biliyeenara itti ta’e; kan qayee fi biyya abbaa keetii keessatti nagaan baatee galuu dadhabde. Kan har’allee manni fi qabeenyi kee shftootaan gubachaa jiru; Oromoo waan taateef qofa, naannoo Somaaleerra qabeenya keetirraa buqqaatee, har’a rakkoolee hamtuu keessa jirtu. Kan ijoolleen keetillee dinaaf meeshaa ta’anii hammeenya daangaa hin qabne sirratti hojjechaa jiran. Walumaagalatti gabrummaa bar-dhibbee tokoo olii baattee waan jirtuuf, kuni hunduu amma na gahe jedhiitii; tokkummaadhaan ka’iitii gabrummaa kanatti xumura godhi.

Akka gamtaan kaatee diina harka micciiruu dandeessu agarsiiftee jirta. Yoo tokkummaadhaan kaate, humni si injifachuu danda’u akka hin jirre hubadhu. Warra afaaniin si sobanirraa jijjiirama hin eegin; isaan kana abdii hin godhatin; isaan kana hin amanin. Dhimma kee dhiisanii waan biraatiif dursa akka kennan hubadhu. Jabina diina keetii osoo hin taane, ilmaanuma kee kan si gananii diinaaf meeshaa ta’antu gabrummaa sirra tursiise, tursiisas, kana hubadhu. Wareegama keetiin biyya tasgabbeessine, biyya ijaarre jedhanii dhaadatu; garuu siif bu’aan argame hin jiru. Ati du’aa osoo jirtuu tokkummaa biyyattii tanaatiif lallabamaa jira. Ati du’aa, saamamaa, qabeenyi kee barbadaa’aa tokkummaan biyya tanaa akkamitti faarfama? Ati biyya tana keessa hin jirtu jechuu dhaa? Biyya ati ittidhiigdee asiin geesse tana keessatti, yoo ati dhiigdu kan siif quuqamuu fi mirmatu hin jiruu bar!!!

Uummata Oromoo,

Akka ilma keetii tokkootti, dhaamsa kana yoon sii dabarsu, haalli ati keessa jirtu na dhiphisee, boqonnaa na dhoowwee, na gaddisiisee, garaa koo na gubnaan malee, duula labsaa hin jiru. Kana hubachuu qabda. Qilleensa jijjiiramaa ati waregama ulfaataa ittikaffaltee argamsiifte kana keessatti, diinni tokko si nyaachaa osoo jiruu, ka biraa beela’ee si nyachuuf hamuummachaa akkajiru dammaii hubadhu. Jijjiramni amma mul’achaa jiru kun xumurri isaa kan kee, kan gabrummaan keessatti awwaalamuu fi abbaabiyyumaan kee keessatti mirkanaa’u akka ta’u qabsoo hadhooftuu tana cimsiitii injifannoo xumuraa mi’ooftuu argamsiisii. Nagaa fi gammachuudhaa biyya kee keesa akka jiraattu godhi. Qabsoon kee qabsoo haqaa waan ta’ef, injifannoon xumuraa kan kee akka ta’u hin shakkin. Carraan amma uumamuuf deemu kun akka si hin dabree gamtaadhaan, tokkummaadhaan ka’ii, fincila xumura gabrummaa bakkaan gahi.

Yeroon ati biyya teenya Oromiyaa jiituu fi badhaatu tana keessatti nagaa argattee, gammachuudhaan keessa jiraattu fagoo hin ta’u. Kana mirkaneessuuf, wanti hunduu harka kee jira. Hiree kee ofiii keetiif murteeffachuu qabda. Kana godhuuf immoo yoo tokkummaa kee jabeessite, humna abdachiisaa ta’e qabda. Amma murtiin keeti. Waqayyo/Rabbi si wajjin jira; humna afaaniin si sobu fi si sossobu hin abdatin. Kan du’e awwaallachaa, kan jiru jajjabeessi, onnachiisi, kakaasi, qabsoo kana ittimuddi. Malli fi falli biraa hin jiru, kana beeki. Injifannoo xumuraa kan keeti.

======   ittifufa   ======

Hubachiisa:

Xalayaan mata duree “Dhaamsa Oromummaa” jedhuun dhiyaate kun ittifufa. Kutaalee itti aanan keessatti kan dhiyaachuuf deeman xalayaalee:

  • Jaarmayoota Siyaasaa Oromootiif
  • Aktivistoota fi Hayyoota Oromootiif
  • Dhumarratti Obboo Lammaa Magarsaa fi Dr Abiyyi Ahmadiif
Gadaa.com

FB Posts (Some are not cross-posted on Gadaa.com, the website)

Load more

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.