FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Sirnii fi Qondaalonni Dararaa Geggeessan Hin Jijjiiraman Taanaan Manni Qorannaa Maa’ikelaawii Cufamuun Qofti Furmaata Hin Ta’u, Jedha Dargaggoon Dur Achitti Hidhame

Posted: Amajjii/January 7, 2018 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Sirnii fi Qondaalonni Dararaa Geggeessan Hin Jijjiiraman Taanaan Manni Qorannaa Maa’ikelaawii Cufamuun Qofti Furmaata Hin Ta’u, Jedha Dargaggoon Dur Achitti Hidhame

Mootummaan Itiyoophiyaa, namoota siyaasaa hidhamanii jiran hiikuuf akka jiru fi mana hidhaa Maa’ikelaawii akka cufu ibsa kennuun isaa ni yaadatama. Bara 2006 mana-hidhaa  Maa’ikelaawii  qabamee mana hidhaa Maa’ikelaawii keessatti akka dararamaa ture ka dubbatu – dargaggoo Lammii Jireenyaa waa’ee ibsa mootummaa kanaa fi jireenya inni  mana hidhaa keessatti dabarse irratti haasofsiisee jira. Manni hidhaa gara waggoota 27f lammiwwan Oromoo fi lammiwwan biyyattii ka birootiif iddoo dararaa fi gidiraa tahee jiraate cufamuun waan gaarii dha. Garuu, kan sana bakka buusamu manni dararaa ka biraan magaalaa Finfinnee, bulchiinsa Aqaaqii, Kondomiiniyeemii Galaan biratti ijaaramaa jira. Sirnii fi qondaalonni isaa dararaa geggeessan hin jijjiiraman taanaan, manni cufamuun faayidaa hin qabu,  jedha. Dhaggeeffadhaa .

 

Go to Source: VOA Afaan Oromoo

Credits/Tags:

Gadaa.com

FB Posts (Some are not cross-posted on Gadaa.com, the website)

Load more

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.