FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Himatni Dr. Mararaa Guddinaa adda cite (BBC Afaan Oromoo)

Posted: Amajjii/January 15, 2018 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Geetachew Ambaaye hidhamtoota 528 himatni isaanii adda cite ni gadhiifamu jedhan.

Hidhamtoonni hiikaman ulaagaa armaan gadii kan guutan ta’uus himanii jiru.

– Heera mootummaa yookan sirna heera mootummaan hundaa’e diiguuf sochii godhame keessatti kan hin hirmaanne yookan hin gaggeessine.

– Misoomawwan bu’uraa gurguddoo biyyattii irratti miidhaa geesisuuf sochii godhame keessatti kan hin hirmaanne yookan hin gaggeessine
Lubbuu namaa kan hin balleessine yookan miidhaa qaamaa cimaa kan hin qaqqabsiifne.

– Sirnicha irraa fayyadamoo ta’anii osoo jiranii, namoota biraan kakaafamnii gara okkoraa fi jeequmsaatti kan galan.

Hidhamtoonni himatni isaanii adda cituufi dhiifamni godhamuuf warreen labsii farra shororkeessummaan himataman ni dabalata jedhaniiru Obbo Geetachew.

READ MORE (BBC Afaan Oromoo)

Credits/Tags:

Gadaa.com

FB Posts (Some are not cross-posted on Gadaa.com, the website)

Load more

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.