Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

SBO: Yunversitii Wallaggaa keessatti guyyaa har’aa ganamarraa qabee goototni barattootni Oromoo FDG mootummaa wayyaanee irratti jalqaban itti fufuu oduun nu gahe ifa godha

Posted: Bitootessa/March 11, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) Bitootessa 11, 2015

Yunversitii Wallaggaa keessatti guyyaa har’aa ganamarraa qabee goototni barattootni Oromoo FDG mootummaa Wayyaanee irratti jalqaban itti fufuu oduun nu gahe ifa godha. Humnootni Faashistii Wayyaanee barattoota osoo isaan mooraa hin ba’in baay’inaan itti duulanis sochii isaanii dhaabuu akka hin dandeenye ibsameera. Barattootnii fi poolisootni wayyaanee walgaarreffatanii akkuma jiranitti jiraachuu dha oduun nu gahe kan ibsu. Barattootni dhaadannoolee adda addaa kan wayyaanee balaaleffatuu fi FDG leellisu dhageessisaa akka turanis ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun Yunversitii Jimmaa, Mattuu Amboo, Bulee Horaa fi kkkf keessattis sochiin FDG jabinaan mootummaa wayyaaneerratti mul’ataa akka jiru oduun walqabatee nu dhaqqabe addeessee jira.

Sochii FDG barattootni Oromoo bifa haaraan itti jiran irratti odeessa dabalataan jiru akkuma nu dhaqqabaa deemuun kan wal hubachiisnu ta’uu isin beeksisna.

– Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)


=== SEE BELOW RELATED NEWS ===


QEERROO: Wallagga, Aanaa Sibuu Siree Ganda Waayyuu Tuqaa Keessatti Qonnaan Bultooti Oromoo Lafti Irraa Saamame Gamtaan Ka’an, Qeerroon Situu Siree Ammoo Konkolaatota Biyyee Dachii Oromoo Irraa Gara Tigrayitti Fe’amu Dura Dhaabbachun Oolfatan

Bitootessa 10, 2015 Gabaasa Qeerroo Sibuu Siree

Maqaa investment n namooti Oromiyaa erga dhufuu jalqabanii bulbbulee akkuma jiru godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu Siree lafa qubannaa hindootaattii fi Waayyuu Tuqaa keessatti abbootiin qabeenyaa biyya alaa maqaa maqaa investment n Oromoota dhibbaatamaan lafa irraa fudhatan dura qonnaan bultooti Oromoo dura dhaabbachuun akka laficha gadhiisan gaafachaa jiru.

Baatii darbe keessa diddaan qonnaan bultoota Oromoo naannuma kana irratti waan ka’eef mootummaan Federaalaa poolisoota guurrachuun inversteroota biyya alaa irra goree uumata qonnaan bulaa reebaa fi abbootiin qabeenyaa illee dabalanii akka reeban ta’aa ture. Haalli kun hammaachaa waan dhufeef Bitootessa 7, 2015 irraa jalqabee hamma guyyaa har’aatti qonnaan bultooti Oromoo gamtaan ka’uun lafa irraa saamame falmachuu fi abbootiin qabeenyaas dachii isaanii akka gadhiisanii bahan akeekachiisanii jiru.

Kana malees konkolaatonni gurguddaa wal harkisu biyyee biyya Oromoo kan qonnaaf ta’uu fi daggalla naannoo irraa gubuun biyyee jaa jiru qotuun gara hin beekamneetti geessaa jiru, haala kanaan Qeerroon aanaa Sibuu Siree jiraatan konkolaatota biyyee biyya Oromoo guuranii bakka hin beekamnetti geessaa turan dura dhaabbachuun akka fe’amee hin deemnee taasiaa jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

QeerrooMarch102015

Qeerroo.org

Gadaa.com

[custom-facebook-feed]

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.