Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Baaruu Baayisaa Daaqaa: Irreechaa (Walaloo)

Posted: Onkoloolessa/October 1, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Irreechaa

Sirnaa dur dur ture
Seeraa sararaa baraa keessa tare
Duudha fi aadaa boonsaa
Faayyoo saba Oromoo – ibsituu eenyummaa isaa!
Irreechaa, Irreessaa, irreeffannaa, kan ture dur
Yaadannoo Odaa Nabee fi Odaa Mormor
Walitti qabduu maraa dhangaa fi maaddii
Damdamtuu dhiibbaa algaa: Hora Harsadii
Sitti hin ba'u seerri dalgaa
Si hin dhaq-qabu abaarsi algaa
Ofi hin-beekneen hin madaalamtu
Akka kosii hin gatamtu!

Jibbi fi dhiibbaan si hin mancaasu
Tuffiin lafa irraa si hin balleessu
Gar-malee si hubachuun si hin diigu
Si dagachuun lammii kee si hin dagu
Galata ati Waaqaaf dhiyeesitu jinniif jedhanii
Qarooma kee cilee yoo dibani
Ati hin baddu, ati hin duutu
Waaqni si uume si hin tuffatu!

Ati seera
Ati heera
Ati aadaa
Ati hooda

Ati miti
Kora amantii
Waqa tokkicha
Maqaa dhibbaa
Waaqqeffata
Marsitee malkaa
Gamtaan teessee jala odaa!

Dhugaa qabdaa
Haqa Gadaa
Tasa hin baddu
Ni jiraatta bara hedduu!

Firoomsituu gammoojji fi dakaa
Ammas jirti Irreechi malkaa
Hammartuu galata Waaqaa fi galuu
Surra-qabeettii Irreecha Tulluu
Mari’achiftuu namee fi namaa
Ilaa-fi-ilaamee Irreecha galmaa
Ijaartuu gamtaa: hundeetti buqqiftuu jibbaa
Yoom iyyuu hin badduu Irreechi Ujubaa!
Firaaf onnee, diinaaf morkii
Seenaan ishee ammas jira Irracha Dakkii
Mirkkannessituu jaalalaa
Ishoo jiraadhu! Yaa Irreecha Jilaa!
Ulffeesituu Uumaa, Kunuunsituu ummaataa,
Ittiin boonnaa Irreecha Eebbaa fi Galataa!

Irreecha malkaa
Irreecha Tulluu
Irreecha Galmaa
Irreecha Ujubaa
Irreecha Dakkii
Irreecha Jilaa
Irreecha Eebbaa fi galaataa
Martuu keenyaa duudhaa lammii fi uummataa!

Faana-buutuu seera yayyaba shanani
Bu’uursituu mijirii: bakka gubaa qunnii
Sirbisiftuu dargaggoo: Hiyyoo koo!
Yaa habaab yaa daree koo!
Abaartuu dukkana gannaa
Mararffattuu Booqaa birraa!

Walitti fidduu Oromoo kumaa fi kitilaa
Onnachiiftuu lammii keessaa fi alaa
Eertuu egree dibaabee sirna Gadaa
Eemaltu karaa dheera boqochiftuu gaaddisa Odaa
Xinxaltuu bu’ura lubbuu marsituu bishaan malkaa
Haadhoo tokkummaa— haadha akeekaa!

Irreecha malkaa
Irreecha Tulluu
Irreecha Galmaa
Irreecha Ujubaa
Irreecha Dakkii
Irreecha Jilaa
Irreecha Eebbaa fi galaataa:
Martuu keenyaa duudha lammii fi uummataa!

Yaa seera Gadaa: yaa Irreechaa
Situ Oromummaa bareecha
Hayyuu waammadhu
Beekaa fi wallaalaa hamadhu
Dhiibbaa firaa fi alagaa damdamadhu
Bara-baraan nuuf jiraadhu!

Baaruu Baayisaa Daaqaa: bbayisa@yahoo.com

Gadaa.com

[custom-facebook-feed]

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com