Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Walgahiin Dirqanii Amansiisuu Xumurame. Yuuniversitii Haromyyaa Keessattis Diiddaan Barattootaa Itti Fufe

Posted: Fulbaana/September 4, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Gabaasa Qeerroo – Yuuniversiti Haromayyaa irraa – Fulbana 3, 2014

Walgayiin barattootaa guyyoota 15f oromiyaa Yuuniversitiilee garagaraa 9nuu qondalota wayyaanee koreewwan giddu galeessaa OPDO caasaa isaanii of jalatti qabataniin gageessaa jiraachuu fi yuuniversitiilee irratti barattootni gaaffiwwan mirgaa adda addaa kaasuudhaan hnga har’aa Fulbaana 3tti kan adeemsifame tahuu isaa gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Akka karoora walgayii kanaatti guyyaan itti xumuramu Fulbaana 6kan ture mootumaan wayyaanee sodaa barattoota irraa qabuun har’uma ka’ee walgayiin kun akka xumuramu taasifame. Har’a Fulbaana 3 xumuranii gara biyya isaanii bakka dhufanitti haa deebi’an jedhamuudhaan qarshii isaanii guyyaatti kennamaa ture walitti qabaa qarshii 420barattootaaf kennamee guyyaa boruu gara qe’ee dhufaniitti akka deebi’an labsiin labsame, akkuma beekamu gaaffileen mirgaa hedduun gaafatamaa tureera, gaaffin sun utuu hin deebi’in murtoon gara biyya galuu murteeffame, Aka gabaasni Qeerroo yuunniversitii Haromayaa irraa ibsutti FDG guyyaa har’a Fulbaana 3 mooraa sanatti qabate dhimma gaaffiwwan gaafatamaa tureef deebiin sirna qabeessaa dhabamuu isaati, maatii keenyatti kan gallu mootummaan gaaffii qulqulluu rakkoo uummata keenya furuuf dhiyaate irratti deebiin sirna kennamuu qaba, nuti saba keenya bakka buunee, ilmaan oromoo oromiyaa keessa jiru bakka buunetu jirra, har’a gaaffii keenyatti qoosaa fi irra dibaadhaan cina darbuun borus uummata oromoo rakkina keessa buusudhan kanjedhuun fincila kaasani jiraachuu gabaasni Qeerroo kan addeessuudha, kanumaan wal qabsiisee mootummaan wayyaanee battaluma sochiin barattootaa mooraa kanatti dhalateen humni waraanaa bakka bahe hin beekamne gara sanatti bobbaasee jiraachuu, mooraan yuuniversitii Haromayyaa waraana Wayyaaneen kan marfamte tahu ishee gabaasni Qeerroo addeessa. Akkasuma dhimma durgoo kennuu irrattis barattootni yuuniversitii Wallaggaa, Amboo fi Adaamaa akkasuma Jimmaa durgoon nuuf kenname kuni barumsaaf darbee nun tajaajilu jechuudhaan gaaffii kaasanii akka jiran, walgayiin kun har’a kan xumurame tahus barataan ammallee mooraa yuuniversitii keessaa kan hin baane tahuu isaa gabaasni Qeerroo addeessa. Gabaasa jiru kan guyyaa boruun walitti deebina!

Qeerroo.org

Gadaa.com

[custom-facebook-feed]

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com