Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Irreech Mallattoo Tokkummaa fi Aadaa Oromooti!

Posted: Fulbaana/September 2, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments

Ayyaani Irreecha, guyyaa Oromoon malkaa ykn tulluutti bahee Waaqa isa uume, waan argateef kan galateeffatuu fi waan fuula dura hawwuu fi barbaadu itti kadhatudha. Irreechi ayyaana Oromoon ittiin beekamu, mallattoo Oromummaa fi Eenummaa isaa ibsu, calaqqee Aadaa fi Duudhaa keenya qofaa osoo hin ta’iin dhaalmayaa hambaa seenaa keenyaa ti. Kanuma mirkaneessuuf Oromoon biyya keenya Oromiyaa keessa jiraatu guyyaa ayyaana Irreecha waggaa waggaan bahaa fi dhihaa, kaabaa fi kibbaa walitti bahee osoo amantii, siyaasa fi kutaan walinqoodiin tokkummaan Ayyaana Irreecha kabajataa jira.

Ayyaani Irreecha Hora Arsadiitti qindoominaa fi hirmaannaa ummata bal’aan kabajamuu kan eegale bara 1997 irraa kaaseetu. Isa dura ummatuma naannoo sanaa fi keessattuu warra aadaa Waaqeffannaa hordofaniin ture. Bara 1997 keessa koreen tokko maqaa Guddinaa fi Dagaagina Aadaa Oromoo jedhuun WMT (Waldaa Maccaa-Tuulamaa) jalatti ijaaramtee Ayyaana Irreecha Bishooftuu kana ummata beeksisuu, barsiisuu fi qindoominaan guyyaa ayyaana kanaa bakka sanatti argamuun qalbii namaa harkisuu jalqabde. Ergasii waggaa waggaan achitti argamuun barumsaa fi dammaqiinsa kennameen sadarkaa har’a ummanni kumaa fi kitilaan herreegamu irratti argamee kabajaa jira. Kabajaa Irreecha Bishooftuu, kan Malkaa Arsadiitti kabajamu babal’achuun yeroo gara garaatti Oromiyaa bakka adda addaatti kabajamuun akka Ayyaana Biyyoolessa biyyaatti fudhatamaa jira.

Kana malees biyyoota alaa naannoo Oromoon heddumminaan qubatee jiruttis haala ho’aan kabajamuu erga eegalee bubbulee jira. Ayyaani Irreecha daran akka guddatuu fi babal’atu hawaasni Oromoo hubannoo gahaa qabaachuu qaba. Gaaffiilee Irreech Aadaa moo Amantiidha jedhuuf deebii argachuuf hayyoota aadaa afeeruun marii gochuu qaba. Hanga ammaatti kan beekamu Irreech Aadaa fi Duudhaa Oromoon waliin Waaqa kadhatu ykn galateeffatu ta’uun beekama. Kun ammoo amantii nama kamuu waan faallessu hin qabu.

Kanuma hubachuun Oromoon biyya keessaas ta’e biyya alaa jiraatan gamtaan bahuun Ayyaana Irreecha kabajuun aadaa fi eenymmaa isaa firaa fi alagaa akka beeksisu, akkasumas tokkummaa Oromoo haala kanaan akka mul’isu abdii qabna.

Ayyaani Irreecha bara 2014, Hora Arsadii Bishooftuutti kan kabajamu guyyaa 05.10.2014 yoo ta’u, biyyoota alaatti ammoo warri qophii xumuratanii fi sagantaa isaanii beeksisan kanneen armaan gadiiti.

IrreechaOromoWaaq2014

Gadaa.com

[custom-facebook-feed]

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com