Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee “Science fi Technology” Diddaa Kaasan

Posted: Fulbaana/September 16, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (1)

Fulbaana 16, 2014 – Gabaasa Qeerroo – Finfinnee

Shira mootummaa Wayyaanee leenjii barattootaa jedhu irratti barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee damee “Science fi Technology” diddaa kaasan. Ergamaan Wayyaanee Shimallis Kamaal leenjisuuf ergamu sodaan miliqe.‏

Diddaan barattootaa bifa qindaaween sirna Wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee Damee “Science fi Technology” mooraa Qillimxoo Aqaaqii keessaa leenjifamuuf waamaman diddaa kaasuun sirna EPRDF balaaleffatan.

Mootummaan Wayyaanee diddaa haalaan jabaachuudhaan itti fufe dura dhaabbachuuf olola wal irraa hin citne barattoota irratti oofuuf karorfattus milkii dhabuudhaan diddaan haala yeroo kamuu olitti jabaatee itti fufee jira. Mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee Qillimxoo Aqaaqii keessatti dabballeen wayyaanee Leenjisuuf bakka buufame Shimallis Kamaal diddaa barattootaa fi walgahii didanii bahuu barattootaan hedduu dhiphatee hatattamaan naannoo sanaa kan dhiphame yoo tahu, diddaa barattootaa kana dhaamsuuf waraanni Wayyaanee mooraa yuunivarsiitii kanaa marsuun tiksuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee gocha farrummaa hamaa gaggeessus diddaa wal irraa hin citneen akka itti fufan qeerroon Yuunivarsiitii Finfinnee addeessanii jiran.

Qeerroo.org

Gadaa.com

[custom-facebook-feed]

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. Abbaa Boora

    September 17, 2014 at 2:27 am

    Ishoo qeerro ishoo! Waaqayyo humnaaf hamilee isinii haa kennu!
    Walgayii mootummaa shorrkeessituu hindhaqinaa!
    Bilisummaan dhufaa jirti!