Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Gabaasa Qeerroo Qellem, Gidaamii – Adoolessa 26,2014

Posted: Adoolessa/July 27, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (1)

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu 4 Boqonnaa Yeroo Gannaaf Gara Maatii Isaanii Wallagga, Gidaamii Itti Galan Tika Wayyaaneen Qabamuun Bakka Buuteen Isaanii Dhabame

Gabaasa Qeerroo Qellem, Gidaamii – Adoolessa 26, 2014

Mootummaan wayyaanee barattoota boqonnaa yeroo gannaaf maatii galan maatii irraa irraa ugguruudhaan qabee mana hidhaatti galchaa akka jirtu gabasi nu gahe addeessa. Har’a gabaasni Qeerroo Qellem Giddamii irraa nu dhaqqabe kan ibsu barattoota madda Walaabuu Yuuniversitii irraa galan aanaa Gidaamii ganda Giraay Sonqaa jedhamu irraa basaasaa wayyaanee aanaa kaan irratti ilmaan Oromoo dabarsee diinaf saaxilun kennaa jiruun saaxilamanii humna waraana Wayyaanetti kennamuudhaan Adoolessa gaafa 18/2014 qabamanii hidhamanii jiru. Basaasaan wayyaanee maqaan isaa Waaqgaarii Qan’aa kan jedhamu jiraataa aanaa Gidaamii ganda Giraay Sonqaa jiraataa kan ture amma garuu ganda Afteer Saanboo jedhamutti teessoo jireenya isaa kan jijjiirrate maqaa qindeessitoota FDG, Miseensa ABO, Alabaa ABO fannisuutiin, uummata kakaasuu fi ijaaruun duras aanaa kana keessatti isaan kun warra duraati jechuudhan yuuniversitii irratti hojii kana hojjetaa akka turan jedhee diinaaf kennee kan jiru gabaasni nu gahe ibsa, ijoollotni kuni maqaan isaanii akka arman gadii kan taheedha:

1. Gammadaa Birhaanee
2. Solomoon Taaddasaa
3. Mallasaa Taaffasaa
4. Amaanu’eel Facaasaa

kan jedhamaniidha, namootni maatii akka tahanii fi amma gara itti hidhamanillee kan hin beekmne tahuu isaa Qeerroon gabaasee Qellem Wallaggaa Gidaamii irraa nuuf gabaasee jira.

Gadaa.com

[custom-facebook-feed]

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. Abbaa Boora

    July 27, 2014 at 6:47 pm

    Egaa kun waanuma barsiisa nuu ta’e.

    Carraan oromoo yookan laffa abbaa ofii irraa duguugamuu yookan imoo waligalee diina ofii biyya abbaaa ofii irraa duguuguu qofa ijaa taateef oromoon dafee filachuu qaba.

    Jiraachuu feenaan hidhannoo malee manaa akka gadi hinbaane, diina arginaanis hamma ishiin dhukaaftuti aka hinegne hidhachiisuu fi leenjisuuf sabni oromoo ABO irraa deebii lammummaa dheebotaa jira.