Widgetized Section

Go to Admin » Appearance » Widgets » and move Gabfire Widget: Social into that MastheadOverlay zone

FinfinneTribune.com is Gadaa.com

Sirni Awwalcha Sabboonaa Dargaggoo Oromoo Galaanaa Nadhaa Haala Ho’aa Ta’een Gaggeeffamaa Jira

Posted: Waxabajjii/June 25, 2014 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments (5)

Sirni Awwalcha Sabboonaa Dargaggoo Oromoo Galaanaa Nadhaa Haala Ho’aa Ta’een Gaggeeffamaa Jira

Kutaa 1ffaa:

Kutaa 2ffaa:

(Qeerroo.org) – Waxabajjii 23/2014 Sirni Awwalcha Gooticha Sabboonaa Oromoo dargaggoo Galanaa Nadhaa guyyaa har’a ganda dhaloota isaa Godina Lixa Shawaa Aanaa Tokkee Kuttaayee ganda qonnaan bulaa Tokkee Konbolchaatti bakka uummaanni Oromoo Godinotaa fi aanaawwaaan garaagaraa irra irraatti argamanitti gaggeeffama jira. Keessattuu uummaanni aanaawwaan kanneen akka Aanaa Amboo, Gudar, Xiiqur Incinnii, Tokkee kuttaayee, Calliyaa Geedoo, Midaa Qanyii, Shanaan, Finfinnee, fi bakkota hedduu irra uummaatni Oromoo tilmaamaan 3000 olitti lakka’amu irratti argamuun gaddaa guddaa sabboonaa Oromoo kana ibsachuun Dhaadannoo, eessaan dhaqxu sabboonaa Oromoo isa bilisummaa keenyaaf falmuu, Goota Oromoo mucaa dandeetii fi sabboonummaan nama boonsuu Galaanaa Nadhaa jechuun uummaanni haal;a ulfataa ta’een gaddee, jira. Qeerroowwan sabboontotni Oromoo sirna awwaalchaa kanarratti argamuun gumaan ilmaan Oromoo hin haftu, gumaa Galaanaa Nadhaa ni baasna, qabsoo goototni ilmaan Oromoo irraatti wareegamaan galmaan ga’uuf kutannoon qabsoofnaa, Wareegama ilmaan isheetiin Oromiyaan ni bilisoomti, Mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n seeraatti dhiyaachuu qabu jechuun yeroo amma kanatti dhaadannoo dhageesisaa jiru. Ummaanni Fardeen fe’atee dhaadannoo akkam jabaa ta’ee fi dheekkamsaan guutame dhageesisaa jira, kanneen kaan garaftuudhaan of reebuun hanga of dhiigsanitti gaddaa guddaa isanitti dhaga’amee fi roorroo garbummaa uummata irraa jiru ibsacha jiru.

Qeerroo.org

GalaanaaNadhaa2014

Gadaa.com

[custom-facebook-feed]

Gadaa.com delivers information on Oromia and the Horn of African region: top news stories and analyses, politics, and culture, arts & entertainment, and more.

Gadaa.com

Comments ...

  1. sabkebar

    June 25, 2014 at 11:38 am

    qabsa’an ni kufa qabson itti fufa

  2. Abeya

    June 25, 2014 at 12:57 pm

    Galanii kee bilisumma ha ta’u.biyyeen sitti haa salbatu hadhoo koo nagaadhan boqodhuuuuuuuuuuu.

  3. Tola Biru

    June 25, 2014 at 4:12 pm

    Mottumma Tigree ijoolee Oromoo qaroo ta’ani iti roorisun, ajjeesun, doofa Oromoo fi gaantu Oromoo hoori Oromoon bitun ummataa Oromoo lafa irra duguuga jira. Amma yoomit Oromoo ta’ee du’aa eegata? Maalf Oromoon warra issa fixu irrati duula jiraan offira ciiru dhisee ta’ee muga, boo’aa? Namaf hingalu?

    Maalf Oromoo fashistoota fi gantu wajin jirata? Maalf it irra bitee, iti gurgura? Maalf bitamaf? Millioon afurtamin milioon shanin fixamun seena keesati nama qanessa?

    Kana keesa ba’uuf, ka’ii Oromoo guuma bafadhu? Guuma bafadhu nyapha keesa fi alaa ofira dugugi basi. Kana hingootu taan hindhumta, garba barabara taata. Silimin si irrati gobee, sibaleesa. Ka’ii loli ama, qeerro wajin.

    Qeerro, sin boona, siduuka dhabana. Booqoona hara’a seena Oromoo keesati banteeta, jabadhu.

  4. alem takele

    June 26, 2014 at 4:12 am

    Biyyeen sitti haa salphatu neenca koo!

  5. Abbaa Boora

    June 26, 2014 at 6:28 pm

    Nagaatti korma Tokkee!

    Nutis hamma biyyee taanuti hojii kee itti fufna.

    Dr. Mararaa, filannoo wayaanee keessatti hirmaannaan gaafa duute si hinawaallu!!

    The best thing Dr. Marara and his party can/should do for our martyrs is convince all political parties opposed to the regime and who have respect for our martyrs to BOYCOTT the next fake elections which will certainly be carried out with massive rigging and intimidation as before.

    Their participation in 2015 election will be the greatest insult to our martyrs and would legitimize wayane’s next “multiparty” election with 99.99% “victory” over them like before!!!!!

    This is the biggest test for all so called “peaceful” fighters. If you are honest and true to your principles you don’t need a PhD to BOYCOTT this election and fight to remove the regime by other means.

    One must be myopic if s/he can’t see that wayane is already rehearsing election by intimidating and torturing people.

    That is why I would rather die in my tribal camp fighting for removal of wayane from Finfinne than go into election to appease the child killer bandits over the blood of our martyrs.